Fana: At a Speed of Life!

Garee ABUT irraa ergama badii fudhachuun naannoo Sidaamaatti badii qaqqabsisuuf socho’aa kan turan shakkamtoonni 25 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Garee ABUT irraa ergama badii fudhachuun nageenya hawaasa booreessuf naannoo Sidaamaatti badii qaqqabsisuuf socho’aa kan turan shakkamtoonni 25 to’annaa jala ooluu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksisera.
Itti gaafatamaan biiricha Alamaayyoo Ximootiyoos ibsa haala waqtaawaarrati laataniin, ergamtoota humna badii ABUT saaxiluuf bulchiinsa magaalichaan kan durfamuu labsiin yeroo ariifachisaa gurma’ee hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.
Labsichi miseensa nageenya naannichaa, raayyaa ittisaa biyyaa, poolisii federaalaa fi miseensa nageenyaafi odeeffaannoo biyyooleessaa kan haammateedha jedhaniiru.
Labsichan sochii seeraan alaa ittisuuf hordoffii fi to’annaa taasifama jiraachuu ibsameera.
Haaluma kanaan hordooffi fi to’annoo gaggeeffameen garee gantuu ABUT irraa ergama badii fudhachuun magaalaa Hawaasaatti badii raawwachuuf qophiirra kan turan shakkamtoonni 25 to’annoo jala ooluusaanii ibsameera.
Gareen kunneen dabalataniis meeshaalee waraanaa seeraan alaa, Birrii sobaa kuma 36, meeshaaleen kontiroobandii seeraan alaa daddabarfamaa turan boba’aan barmeelli 82 to’annaa jala ooluu eerameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.