Fana: At a Speed of Life!

Garee saamtootaa ABUT irra miidhaan qaqqabeera. – Ajajaa Olaanaa Ajaja Kaabaa Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Garee saamtootaa ABUT irra miidhaan qaqqabeera. – Ajajaa Olaanaa Ajaja Kaabaa Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum

Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa garee ABUT irratti fudhachaa jirun miidhaan cimaa qaqqabsiisuu Ajajaa Olaanaa Ajaja Kaabaa Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum ibsaniiru.

Kanaanis, hidhattoota garichi bobbaase 550 irratti tarkaanfiin yoo fudhatamu, 29 kan ta’an ammoo harka laataniiru jedhan.

Garee finxaalessa kanarraa kilaask koovii 115, matirayaasi 11, diishkaa 2, arpiijii 8, bppmbii harkaa 152, isnaaypara 2, AM14 4, raadiyyoo qunamtii 2, rasaasa kilaashii kuma 21 fi 650, rasaasa matirayaasi kuma 14 fi 730, golgituu dirree waraanaa 1, qabattoo dirree waraanaa 64, qimbullaa RPG 6, kuusaa kilaashii 90, zinnaara matiraayasi 10 to’atamuu Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum beeksisaniiru.

Taankoota garichaan hataman keessa 5 yoo deebi’uu, 1 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.