Fana: At a Speed of Life!

Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensoonni kookasii dubartootaa lammiilee miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 64.1 taasise

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC) – Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensoonni kookasii dubartootaa lammiilee balaa uumammaa fi namtolcheen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 64.1 taasiseera.

Kookasichi guyyaa har’aa gabaasa raawwii karoora bara 2012 gamaaggamuun karoora bara 2013 irratti mari’ateera.

Walitti qabduun kookasichaa aadde Ababaayee Gazaaheny akka ibsanitti deeggarsichi kutaalee hawaasaa sababa weerara vaayrasii koroonaa fi balaa lolaa miidhamaniif kan ooludha.

Gabaasichi akka ibsutti Birrii miiliyoona 47tti kan tilmaamamu qabeenyaa garagaraa fi Birrii miiliyoona 17.1 maallaqa callaa walitti qabuun kutaalee hawaasaa miidhaniif deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.