Fana: At a Speed of Life!

Kutaaleen waraanaa ajajaa Kaabaa Shiraaroo hanga Zaalanbasaatti jiru wayita ammaa qophii gaarii irra jira – Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Kutaaleen waraanaa ajaja Kaabaa Shiraaroo hanga Zaalanbasaatti jiru wayita ammaa qophii gaarii irra jiraachuu Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee ibsan.

 

Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee dhimmoota waqtawaa irratti ibsa laataniiru.

 

Ibsa isaaniin Kutaaleen waraanaa ajaja Kaabaa Shiraaroo hanga Zaalanbasaatti jiru wayita ammaa qophii gaarii irra jiraachu ibsaniiru.

 

Itti aanaa Etamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal jeneraal Ababaawu Taaddasee bakkichatti argamuu Raayyaa Ittisaa gaggeessaa akka jiran himaniiru.

 

Itti dabaluunis, Leetenaal Generaal Baacaa Dabalee murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa maadheffatee ture gochaale kanneen raawwachuuf ergama fudhatee ture jedhan:

 

1. Raayyaa ittisa biyyaa keessoodhaa diiguu
2. Raayyaa ittisa biyyaa waraanuu fi
3. Maqaa jaarsummaatiin dagachiisuuf hojii hojjachuu ture.


Kana sadanuu raawwachuu yaalaniiru.

 

Keessoo Raayyaa Ittiisa Biyyaa diiguuf, raadiyoo walqunnamtii ajaja Kaabaa karaa hogganaa walqunnamtii raadiyoo Finfinne jiruun gara ofiitti naannesssaniiru.

 

Ajaajoonni waraanaaf loltooni akka wal hin argine taasisaniiru jedhan.

 

Miindaa fi qallaba raayyaa ittisa biyyaa kan ji’a tokko fudhataniiru. Ajajota waraanas ukkamsanii fuudhaniiru.

 

Haa ta’u malee badiin kun hundumtuu irra ga’us, Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya gootummaan ofirra waraaneera.

 

Waraanni kun kan raawwatame humna addaa Naanno Tigiraay qofaan hin turre, Humnoonni ABO Shanee Zaalanbassaa, Shiraaroo, Raamaa, Tsorenaa fi bakkoota birootti humna badii TPLF wajjin dhaabbachuun raayyaa ittisa biyyaa waraana turan jedhaniiru Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.