Fana: At a Speed of Life!

Humni addaa naannoo Tigraayi raawwattoota eergama badii murna gantuu ABUT ta’uu akka hin qabne hidhattoonni ABUT to’annoo jala oolan himan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Dargaggeessi fi humni addaa naannoo Tigraayi raawwattoota eergama badii murna gantuu ABUT ta’uu akka hin qabne hidhattoonni ABUT to’annoo jala oolan himan.

Haleellaa Rayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatamee ilaalchisee Raayyaan Ittisaa biyyaa ergama biyya oolchu Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadin kennameef seera kabaachisuun hojiiwwan opireeshiinii hojjachaa jira.

Hidhattoonni ABUT to’annoo jala oolanis, humna addaa naannoo Tigraayitti kan makaman jireenyaasaani mo’achuuf malee Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin walitti bu’uuf akka hin taane himaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin walitti bu’uu jechuun Ityoophiyaa waliin walitti bu’uu akka ta’ees hidhattoonni ABUT to’annoo jala oolan kunneen himaniiru.

Akka Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti dargaggeessifi humni addaa naannoo Tigraayis ergama badii ABUT akka hin raawwanneefi rayyaa ittisaa cinaa hiriiruu akka qaban dhaamaniru.

Hidhattoonni ABUT to’annoo jala oolan kunneen rakkoon
raayyaa ittisaan irra gahee tokkoollee akka hin jirree fi haala gaarii irratti akka argaman himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.