Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalichaa eeguuf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an beeksisan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)-Qaamolee nageenyaa biyyaatti jeequuf socho’aniif osoo hin saaxilamiin nageenya magaalichaa eeguuf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an dargaggoonni magaalaa Finfinnee beeksisan.

Dargaggoonni magaalaa Finfinnee fi biiroo qindeessaa tola oltootaa kutaa magaalaa garaagaraa keessaa walitti babba’aan dhimma waqtaawaa biyyarratti mari’ataniiru.

Marichaan gareen ABUT haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatee qaanii fi gantummaa biyyaa ta’uu ibsuun akka balaaleffatan eeraniiru.

Qaamolee magaalitti jeequuf ajandaa badii qabatanii socho’aaniif osoo hin saaxilamiin shiraa diinaa ifatti baasuun nageenyaa magaalichaa eeguun itti gaafatamuumma isaanii akka ba’ataan dubbataniiru.

Mootumman Federaalaas garee gantuu ABUT irratti tarkaanfiin fudhataa jiru sirrii fi yericha guddugaleessaa kan taasisadha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.