Fana: At a Speed of Life!

Xomborri tokkummaa sabdaneessaa ayyaana sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa magaalaa Jigjigaatti qabsiifame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Xomborri tokkummaa sabdaneessaa ayyaana sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa bara kana yeroo 15ffaaf kan kabajamu magaalaa Jigjigaatti qabsiifameera.

Sirna xomboora qabsiisuu Af-yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Adam Faaraah, ministira Qonnaa obbo Umar Huseen akkasumas Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Somalee Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo fedeeraalaa fi naannoo argamniiru.

Bara kana kan kabajamu sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa sababeeffachuun wantoota raawwatamaan keessaa tokko Baha Ityoophiyaati ka’uun naannoolee hunda kan qaqqabu Xomboora tokkummaa sabdaneessaati.

Ayyaanni sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa mata duree “ tokkumaa sabdaneessaa badhaadhina waliinii” jedhuun yeroo 15ffaaf qindeessummaa mana maree federeeshinii fi qopheessuummaa bulchiinsa Dirree Dawaan magaalaa Dirree Dawaatti ni kabajama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.