Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 86 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 86vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 320 hojjetameen vaayrasichi namoota 86 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,868 ga’eera.

Lubbuu namoota 3 yoo darbu,waliigala Lubbuun namoota 159 darbeera.

Namoonni haaraan 58 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10900 dandamataniiru.

Namoonni 29 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5809 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 219597 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.