Fana: At a Speed of Life!

Humnaan dirqisifamanii waraanatti kan galan miseensonni Humna Addaa Tigraay gara naannoo Amaaraatti baqatanii galuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)- Garee seeran alaa fi saamtuu ABUT keessa jiruun humnaan dirqisifamanii waraanatti kan galan miseensonni Humna Addaa Tigraay gara naannoo Amaaraatti baqatanii gala jiraachuu isaanii ibsameera.

Gara Daanshaatti kan galan miseensonni humna addaa kunneen Raayyaa Ittisa Biyyaafi miseensota humna Addaa naannoo Amaaraan wal waraanuun sirrii akka hintaane amanuu ibsuun, karaa nagaatin baqannee gara naannoo Amaaraatti galuu filannoo godhanerraas jedhan.

Nuti kaayyoon dhaabbanneef tikaafi nageenya Ummata Tigraay eegsisuufi malee garee seeran alaa ABUTf miti jedhaniiru.

Erga naannoo Amaaraa nagaan galleeyis kunuunsi barbaachisaa nuuf godhamaa jiras jedhaniiru.

Miseensoonni kunneen ummanni Tigraay dhiibbaa gareen seeran alaa fi saamtuu ABUT irraan ga’u jalaa ba’uuf Raayyaa Ittisa Biyyaafi humna addaa naannoo Amaaraa cinaa akka hiriiruus ni gaafanna jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanas miseensonni humna addaa naannoo Tigraay lakkoofsan hedduu ta’an naannoo Amaaraa galuun karaa nagaa harkasaanii kennachaa jiruu odeeffannoo garaasanii arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.