Fana: At a Speed of Life!

ABO shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – Komishinii Poolisii Oromiyaa

ABO shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – Komishinii Poolisii Oromiyaa
 
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Miseensoomnni ABO shanee 24 ajjeefamuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Garee badii ABO shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu fi too’annoo jala oolchaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa ifoomseera.
 
Tibbana haleellaa gareen kun raawwateen lubbuun lammiilee nagaa fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsichi eereera.
 
Komishiniin Poolisii naannoo Oromiyaa qaamoolee nageenyaa biroon waliin ta’uu garee badii kanneen irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Koomishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan ibsa har’a laataniin himaniiru.
 
Poolisiin naannichaa hordoffii iddoolee gareen kun haleellaa itti raawwateetti taasiiseen hanga ammaati hidhattoota ABO shanee 24 ajjeefamuu beeksiseera.
 
Dabalataan namoonni 26 yoo booji’aman, 23 karaa nagaan harka laataniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.