Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay gidduu akka galuu fi bulchiinsi yeroo akka hundaa’u sagalee guutuun murteesse

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii FDRI mootummaan federaalaa naannoo Tigraay gidduu akka galuu fi bulchiinsi  yeroo akka hundaa’u sagalee guutuun murteesse.
 
Manni Maree Federeeshinii FDRI guyyaa har’aa walga’ii ariifachiisaa gaggeessaa jira.
 
Yaada murtoo walga’icharratti dhiyaaterratti marii taasiisuun murtoo dabarseera.
 
Manni marichaa akkaataa heera mootummaa FDRI keewwata 62 muraa 9 mootummaan naannoo kaamiiyuu gochaa sirna heera mootummaa balaarra buusuu wayita raawwatu mootummaan federaalaa gidduu akka galu bu’ura tumameen murtee kana dabarseera.
 
Manni Maree fi hojii raawwachiiftuun naannoo Tigraay seeraan ala hundaa’e akka diigamuu, bulchiinsi yeroo akka hundaa’u, bulchiinsa yeroo kanaaf hojii raawwachiiftuun akka muudamu manni marichaa murteessera.
 
Muummeen Ministiraa baatii sadi sadiin haala jiru Mana Maree Federeeshiniif akka beeksisan murtaa’eera.
 
 
Haamtaamuu Taklasilaaseetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.