Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa raabsaa fi haala bittaaf gurgurtaa oomisha boba’aarratti to’annaan taasifama jira

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Daddabarsa raabsaa fi haala bittaaf gurgurtaa oomisha boba’aarratti, to’annaa cimaa taasisuuf daangaan yeroo akka ka’amuu Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

Daayreektarri dhimmoota kominikeeshinii ministeerichaa obbo Wandimmuu Filaatee, haala qabatamaa biyyattiin ammaa keessa jirtuun daballiin gatii hin barbaachifne to’achuu fi seeraan alaa oomishaalee kuusuun hanqinni akka hin muudanne ittisuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Buufataleen boba’aa yeroof magaalaa Finfinneetti har’a Onkololeessa 27, 2013 ganama sa’aatii 12:00 hanga galgalaa sa’atii 2:00tti tajaajila akka laatan ibsameera.

Buufatalee boba’aa naannooleetti ammoo ganama sa’atii 12:00 hanga galgalaa sa’atii 1:00tti qofa akka hojjatamu murtaa’u obbo Wandimmuun himaniiru.

Dabalataniis daddabarsa boba’aa seeraan alaa hambisuuf ni gargaraa jedhameet eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.