Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa jira – Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Mootummaan federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf  karoorfatee hojjechaa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseea.
 
Waajjirri Muummee Ministiraa dhimmoota haala yeroorratti ibsa dabalataa laateera
 
Garee finxaaleeyyii ABUT keessatti argaman heera mootmmaa diiguuf socho’aa jiran seeraatti dhiyeessuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirichi ibsa laateen eereera.
 
Gareen badii kun Onkololeessa 24, 2013 Raayyaa Ittisa biyyaa naannoo Tigraay keessatti argamu Iizii Kaabarratti haleellaa raawwachuu isaa hordofuun mootummaan federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf aangoo heera mootummaa keewwata 51 jalatti laatameef bu’ura godhachuun opporeeshinii bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibsu kun eereera.
 
Waggoottan 27f humnan biyya dursaa kan ture gareen finxaaleeyyii kun mootummaan federaalaa erga gara aangootti dhufee maqaleetti baqatee ummata daheeffatee jiraachuu ibseera.
Gareen finxaaleeyyii ABUT waggoottaan lamaan darban keessaa biyyattii keessatti rakkoo nageenyaa olaanaa uummuu himameera.
 
Mootummaan garaagartee ABUT waliin jiru karaa nagaan furuuf tattaaffii olaanaa taasiisaa akka ture ibsichi himeera.
 
Yaa ta’uutii gareen yakkammaan kun kallattiinis ta’ee karaa naannawaan biyyatti dirree jeequmsaa taasiisuuf hojiilee garaagaraa hojjetaa turee jira jedha ibsichi.
 
Keessattuu walitti bu’iinsa Lixa Goondar, Shashamannee,Arsii, Baalee, Beenishaanlguul Guumz, Gurra Fardaa fi Wallagga Lixaatti lubbuu lammiilee nagaa hedduu wareegee fi qabeenya mootummaa fi ummataa barbadeesse duuba harki garee kanaa jiraachuu mirkanaa’uu eereera.
 
Gareen finxaaleeyyiin ABUT keessatti argamu tattaaffii mootummaan qaama araaraa bilisa ta’e fayyadamuun garaagarummaa ture furuuf taasiisu jiru cinaatti dhiisuun filannoo seeraa alaa gaggeessuun nuti mootummaa seera qabeessa jechaa ture jedha ibsi Waajjira Muummee Ministiraarra laatame.
 
Dabalataan gareen badii kun sababa waraana Iityoo –Eeritraan Raayyaa Ittisa Biyyaa teessoo isaa naannoo Tigraay taasiise irratti haleellaa tasaa raawwateera.
 
Mootummaan federaalaa Raayyaan Ittisa Biyyaa akka ofirra qolatuu fi olaantummaa seeraa akka kabachiisu filannoo dhumaa taasiisuu isaa ibsameera.
 
Bu’uruma kanaan Manni Maree Ministirootaa akkaataa heera mootummaa keewwata 93 jalatti tumameen labsii yeroo ariifachiisaa baatii 6f turu naannoo Tigraayirratti baase Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI raggaasiisuu beeksiseera.
 
Labsii kana kan raawwachiisuu koreen Itaa Maajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaan durfamu akkaataa labsiin hundaa’uu himameera.
 
Koreen kun yeroo barbaachisetti:-
Poolisiii dabalatee humnoota nageenyaa kamiiyyuu hidhannoo hiikkachiisuuf aangoo qaba.
 
Geejjiba dabalatee sosochii barbaachisadha jedhee itti amane kamiiyyuu ni daangeessa.
 
Daangaa yeroo ni murteessa.
 
Sosochii meeshaalee waraanaa ni dhaaba.
 
Maloonni qunnamtii akka adda citu ni taasiisa.
 
Qaamoolee dhuunfaa hojii seeraa alaa keessatti hirmaatan jedhamanii shakkamman to’achuuf aangoo ni qabaata.
 
Mootummaan federaalaa olaantumaa seeraa kabachiisuu, heeraa mootummaa eeguu fi ittisuu, akkasumas nageenya lammiilee eegsisuuf itti gaafatamummaa isaa kan ba’u ta’uu ibsichi beeksiseera.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI naannoo Tigraayii fi kutaalee Ityoophiyaa birootti lammiileen nagaa haala hinmiineen of eeggannoo cimaan garee yakkamtootaa kanneen yeroo dhumaaf furmaata itti laachuuf kan hojjetu ta’uu ibsichi eereera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.