Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Biyyaa tarkaanfiin kaaba Ityoophiyaatti fudhachaa jiru ifaa fi kaayyoo kan qabudha-Dr Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Raayyaan Ittisaa Biyyaa tarkaanfiin kaaba Ityoophiyaatti fudhachaa jiru ifaa fi kaayyoo kan qabu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad beeksisan.

Dooktar Abiy ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Tigraayitti argamuurratti haleellaa raawwachu waliin wal qabsiisee raayyaan ittisaa biyyaa tarkaanfi fudhachuu eegalu fuula Twiitara isaaniitin ibsaniiru

Duulli gaggeeffama jiruu biyyattittii olantuummaa seeraa kabachiisuuf karoorfamuu himaniiru.

Kanarra darbees nageenya Ityoophiyaanoota naannoo biyyattii keessaa socho’uun jiraataan eeguufi jedhaniiru.

Mootummaan ABUT waliin garagarteesaa karaa nagaa hiikuuf baatiwwanif obsuun marii fi jaarsummaa gaggeessaa turuus ibsaniiru.

Haa ta’u malee tattaaffii mootummaan taasiseen ABUT waliigaluu hin dandeenye jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.