Fana: At a Speed of Life!

Sudaan daangaa naannoo Sakalaa Ityoophiyaa waliin qabdu cufte

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) –  Sudaan daangaa bulchiinsa Sakalaa Ityoophiyaa waliin wal daangeessitu cufuu beeksifte.

Guyyaa kaleessaa eegalee Sudaan iddoolee Ityoophiyaan wal daangeessitu keessaa  tokko kan ta’e daangaa bulchiinsa sakalaa cufuu ishee bulchaan bulchiinsa Sakalaa Fattaahi Al Raahamaan Amiin ibsaniiru.

Tarkaanfiin kun waldhabdee mootummaa Ityoophiyaa fi garee ABUT gidduutti uumame ilaalcha keessa galchuun ta’uu ibsameera.

Qaamooleen nageenyaa naannichatti argamu qaamni kamiiyyuu meeshaa waraanaa qabatee gara Sudaan akka hin seenne xiyyeeffannoon akka hordofan ajaja dabarsaniiru.

Haalli nageenyaa Waad Al Heelii’oo xiyyeeffannoon qoratamuu akka qabu ajajnyi darbeera.

Yaa ta’uutii lammiilee nagaa hirkatummaa barbaacha gara Sudaan imalan kan simatan ta’uu eeraniiru.

Haala kan ilaalcha keessa galchuun ajejnyi darbe seeraan hojiitti akka hiikkamu koreen addaa hundaa’uu bulchaan naannichaa Fattaahi Al Raahamaan  Amiin ibsaniiru.

Maddi:-Al Sudaanii

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.