Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri nageenyaa haala yeroorratti ibsa kenne

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Ministeerri nageenyaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laateera.
 
Imalli jijiirramaa Ityoophiyaa yeroo ammaa wareegama lammiileen biyyattii kanfalaniin kan argame ta’uu ibsichi eereera.
 
Jijjiirrama wareegame ummataan argame fudhachuu caalaa jijiirramichaatti gufuu ta’uuf yeroo as sosochiin farreen nageenyaa hedduun gaggeeffamaa tureera jedha ibsichi.
 
Taateen kun lubbuu lammiilee nagaa wareegera, qabeenya biyyaa fi ummataa barbadeessuu ibsichi eereera.
 
Badii raawwatame finxaaleeyyiin garee ABUT harka keessaa qabaachuu ibsa laatameen himameera.
 
Keessattuu ummanni biyyattii mootummaarraa amantaa akka dhabuu fi imala jijjiirramaa gufachiisuun nageenyi fi tasgabbiin biyyattii rakkoo keessa akka galu shira kaayyeeffame ta’uu ibsameera.
 
Kanaafis haleellaan gareen finxaaleeyyii ABUT raayya ittisa biyyarratti raawwate agarsiiftuu ta’uu eerrame.
 
Taatichis godaannisaa fi gantummaa seenaan hin daganne ta’uu ibsichaan eerrameera.
 
Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun itti gaafatamummaa biyyaa fi uummata ba’uuf tarkaanfii eegalee bifa qindoomina qabuun fudhachaa jiraachuu ibsi ministeerichi baasee eereera.
 
Mootumaan rakkoo jiru karaa nagaan furuuf yeroo dheeraaf dhamaa turuu Ummanni naannoo Tigraay hubachuun ummata Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu akka qabuu fi shira gareen muraasni biyya diigiif xaxaa jiru baleellaffachuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
 
Ummanni biyyattii hundi tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru deeggaruun tokkummaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuuf ga’ee isaa ba’uu akka qabus waamicha dhiyeesseera.
Rakkoo Ityoophiyaa yeroo ammaa muudate hubachuun dhimmichi furmaata hanga argatuutti hawaasni hundi naannoo isaa xiyyeeffannoon eeggachuu akka qabu ministeerichi ibsa baaseen gaafateera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.