Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Koontiroobaandii Birrii miiliyoona 25.9 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Meeshaaleen Koontiroobaandii Birrii miiliyoona 25.9 olitti tilmaamamu Waajjira Gumruukaa damee Awaashatti too’atame.
 
Naannoo Afaar godina 3 aanaa Haruukaa magaalaa Gadaamaaytuutti oppeeshinii gaggeeffameen meeshaaleen Kuusaa keessatti kuufamanii turan too’atamuu ibsameera.
 
Meeshaaleen Koontiroobaandii kunneenis Birrii miiliyoona 25 fi kuma dhibba 9 fi kuma 4 olitti kan tilmaamamu akka ta’e eerrameera.
 
Baaloonni sammuu adoochan, qorichoonni, Teeleeviizyiinoonni, Riisiivaroonni, meeshaaleen Elektirooniksii, uffataalee fi maashinoonni garaagaraa hedduun too’atamu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.