Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeeshinii sabaa fi sablammiieen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2013 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii sabaa fi sablammiieen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dhiyeesse.

Kabajamtoota sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa.

Raayyaan Ittisa biyyaa keenya kutaa biyyaa keenyaa Kaabaa daangaa fi walabummaa ishee ergisisuuf ergama irra otuu jiruu, gantootaa fi ciniintota harma haadhaan miidhaa irratti raawwateera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo dheeraaf miidhaa ummata Tigiraayirratti yaadameef gaachana ta’uun arsaa ofgochuun ittisaa turaniiru.

Hunda ol qabeenya uumaama kunuunsuu, miidhaan uumamaa wayita qaqqabetti hawaasa waliin ta’ee ittisuu, humnaa fi maallaqa isaan lammiisa isaa waliin dhaabachuun kan beekkamu ilmaan ummataa fi guyyaa rakkooti.

Gootota guyyaa rakkoo kanaaf beekkamtii fi kabaja kennuun otuu barbaachisuu gantootaan miidhaa irraa ga’uu Manni Maree Federeeshinii gadduu ibseera.

Kana waan ta’eef sabaa fi sablammiieen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu Manni Maree Federeeshinii waamicha dhiyeesseera.

Injifannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf!

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.