Fana: At a Speed of Life!

Lammiin hundi biyyaa fi lammiif dursa laachuu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa yaadachiisan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – lammiin hundi biyyaa fi lammiif dursa laachuu akka qabuu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa yaadachiisaan.

Yaa’ichi haala yeroorratti ibsa laatera.

Ibsichan ajjeechaa gara jabinaa lubbuu lammilee nagaa bakka garaagaraarratti raawwatameef gadda itti dhaga’aame ibseera.

Mootummaa federaalaa fi garee ABUT gidduutti walitti bu’iinsa muudateef akka hin baballanneef miidiyaalee hawaasa dabalatee qamoleen garaagaraa, miidiyalee hawaasan odeeffannoowwan darban rakkichaa bababallisuurra kan of qusatee ta’uu akka qabuu yaadachiisaniiru.

Rakkoon uumamee akka dhaabbatuuf hundi akka amantaa isaatti garaa uumaatti akka deebi’uuf boruu irraa eegalee eegalee torbee tokkoof kan turuu yeroon kadhataa akka jiraatu yaa’ichi ibsasaan eerera.

Hundi kadhata akka taasisuufis yaa’ichi waamicha dhiyeessera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.