Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asoosatti namooni dhoksaan haleellaa raawwachuuf turan 20 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – ABUT irraa ergama dhokataa fudhachuun namoonni dhuunfaan badii raawwachuuf qophiirra turan 20 guyyaa har’aa to’amuu Komishiniin Poolisiin naannoo Beenishaanguul Guumz beeksise.

Komishiniin Poolisiin naannicha komiIshinar Abdullaaziiz Mahaammad,namoonni dhuunfa kunneen magaalaa Asoosaatti badii raawwachuuf ergama garee ABUT irra fudhachuun socho’aa akka turaan jedhaniiru.

Kana dura naannichatti godina Matakkalitti haleellaan qaqqabee kan yaadachiisan komishiinarichi, namoonni dhuunfaa kunneen haleellichi akka itti fufuuf kayyoo isaanii akka ture dubbataniiru.

Nammoonni dhuunfaa kunneen Fulbaana 30, 2013 booda mootummaan hin jiruu jechuun humnoota badii alaa fi keessaa qindoominaan hojjataan waliin hariiroo akka qaban ibsaniiru.

Hawaasnis eeruu akka laatufis waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.