Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni naannoo Hararii, Soomaalee fi Gaambeellaa Haala yeroo ilaalchisuun ibsa laatan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Mootummoonni naannoo Hararii, Soomaalee fi Gaambeellaa tarkaanfii ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti fudhate ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Mootummaan naannoo Gaambeellaa biyya badiirraa baraaruuf tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa ABUT irratti fudhataa jiru cimsee kan deeggaru ta’uu Preezdaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
 
Haleellaan ABUT Raayyaa Ittisa biyyaarratti raawwatte yakka biyya ganuuti jedhan.
 
Taateeticha daraan kan balaalleeffatan ta’uu eeruun, mootummaan federaalaa tarkaanfii ABUT irratti fudhachuu eegale cimsuun olaantummaa seeraa kabachiisuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
 
Oduma walfakkaatuun ummannii fi mootummaan naannoo Hararii tarkaanfii mootummaan nageenya biyyaa fi lammiilee tiksuuf fudhachaa jiru kan deeggaran ta’uu mootummaan naannichaa beeksiseera.
 
Raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf dhaabbata cimaa ta’uu isaa mirkaneessera jedha ibsi mootummaan naannoo Hararii haala yeroo ilaalchisuun laate.
Ergama heera mootummaa itti laatame namuusa fi ga’umsaan ba’uuf dhaabbata dhamaa’a jiru ta’uu eereera.
 
Haleellaan ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatte qaaneessaa fi ummataa fi birmadummaa biyyaarratti kan raawwatame ta’uu agarsiisa jedhame.
 
Ummanni naannichaa yeroo kamiiyyuu caalaa naannoo isaa haalaan eeggachuu akka qabuu fi mootummaa cinaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeesseera.
 
Ummannii fi mootummaan naannoo Hararii mootumaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuuf murannoo olaanaa kan qabu ta’uu ibsichaan eerrameera.
 
Itti aanaan Preezdaantii bulchiinsa naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahammadis haala yeroo ilaalchisuun ibsa laataniiru.
 
Mootummaan naannoo Soomalee fi ummanni naannichaa tarkaanfii mootummaan federaalaa ABUT irratti fudhataa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.
 
ABUT sirna duubatti hafummaa, sanyummaa fi qoodinsaa biyyattii keessatti diriirsee kan ture ta’uu himaniiru.
 
Gareen kun ummata naannoo Soomaaleerratti yeroo garaagaraa sarbama mirga namoomaa raawwataa turus obbo Musxaafeen eeraniiru.
 
Har’as badii sana raawwachuun kan hin oollee waan ta’eef ummannii fi mootummaan naannoo Soomaalee tokkummaan mootummaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.