Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa biyyaa haleellaarratti raawwatame fashaleessuun nageenya uumattootaa fi birmaddummaa biyyattii eeguun itti gaafatammummaa isaa ba’aata jiraachuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Raayyaan Ittisa biyyaa haleellaarratti raawwatame fashaleessuun nageenya uumattootaa fi birmaddummaa biyyattii eeguun itti gaafatammummaa isaa ba’aata jiraachuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Humni ABUT kaleessa galgalaa raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa raawwateen miidhaa qaqqabsisuun, nageenya uummataa fi birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf biyyatti diiguuf yaali taasisuun isaa beekamadha.

Haa ta’uu malee raayyaan ittisa biyyaa haleellaa irratti raawwatame fashaleessuun nageenya uummataa fi birmadummaa biyyaa eeguun itti gaafatamummaa isaa ba’aacha jiraachuu ibsameera.

Bifaa amansiisaa ta’een hojii bu’aa qabeessaa akka kana itti fufiinsa mirkaneessuuf uummata waliin hojjachaa jiraachuus ibsameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.