Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon sirna nyaataa miidhaawwan fayyaa hawaasaa dhaabuu  danda’u magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Qorannoon sirna nyaataa miidhaawwan fayyaa hawaasaa dhaabuu  danda’u magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jira.

Qorannichi Insititiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaatti miidhaawwan fayyaa hawaasaa deebisaanii dhaabanii fi daayrektoreetii reeziliyaansii qamoolee dhimmi ilaallatu waliin kan qophaa’edha.

Miidhaawwan fayyaa hawaasaa karaa mijataa ta’een dhaabuu fi qophii sirna fayyaa cimsuu fi tajaajila fayyaa bu’uuraa too’achuu danda’uuf kan qophaa’e ta’uu  ibsameera.

Wayita miidhaawwan fayyaa hawaasaa uummamanitti too’achuu kan dandeesisu sirna fayyaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu Daayreekatarri Olaanaa Itti Aanaa Institiyuutichaa obbo Aschaalaa Abaaynah himaniiru.

Qoarnnicharratti ogeessoonni ministeera fayyaa, yuunivarsiitiiwwan garagaraa irraa, inistitiyuutii fayyaa hawaasaa fi dhaabbiilee garagaraa irraa walitti baba’an hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.