Fana: At a Speed of Life!

Waggoota shanaan dhufanitti damee konistiraakshinitiin lammiilee miiliyoona 1.5 ta’aniif carraan hojii uumuuf karoorfameera

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC)- Waggoota shanaan dhufanitti damee konistiraakshinitiin lammiilee miiliyoona 1.5 ta’aniif carraan hojii uumuuf karoorfamuu Ministeerri Misoomaa Magaalaa fi Konistiraakshinii beeksise.

Damee konistiraakshiniin karoora waggaa 5 fi raawwiin kurmaana jalqabaarratti mariin taasifameera.

Marichaan karooraa waggaa shanii qabamee keessaa meeshaalee ijaarsaa %80 biyya keessaa dhaabuu, damichaan lammiilee miiliyoona 1.5 ta’aniif carraa hojii uumuu, hanqina meeshaalee ijaarsaa mul’ataan furuuf qorannoo gaggeeffama jiraachuu ibsaniiru.

Mariichaan yeroo amma kana dameen konistiraakshinii sharafaa alaa %25 akka barbaduu fi bajaataa kappiitaalaa %60 akka fudhatuu akkasumas karoora bu’aa qabuun akka hogganamuus ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.