Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Siinoodoosii murtee garaagaraa dabarsuun xumurame

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC) – Yaa’iin Siinoodoosii mana amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa murteewwan garaagaraa dabarsuun xumurame.

Siinoodoosichi yaa’ii Onkololeessaa 11, 2013 eegalee gaggeessaa tureen murtoowwan mana amantichaa fi biyyaaf ni fayyada jedhe darbarsuu isaa beeksiseera.

Qaaljeefama baajata yaa’iichaaf dhiyaate irratti mari’achuun raggaasiseera.
Yaa’ichi haala yeroorratti marii bal’aa taasiisuun rakkooleen naannoo mana amatichaatti muul’atu akka fuuramu murtee dabarseera.

Haleellaa hordoftoota amanticharratti raawwatamu hordofuun seeratti dhiyeessuuf koreen ogeeyyii sadarkaa hundatti akka dhaabbatu murtoo dabarseera.

Rakkoon uumamu araaraan hiikkamuu akka qabu mari’ateera.

Abbootii adeemsa araaraa raawwachiisaanis moggaaseera.

Dubbii preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Hidha Haaroomsa Gudditticha Ityoophiyaa ilaalchisuun taasiisaan Siinoodoosichi balaaleeffateera.

Yaada Preezdaantichaa ummannii fi mootummoonni addunyaa akka balaaleeffatan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.