Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 359 vaayrasii koroonaa qabaman

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC) –Qorannoo Laboraatorii sa’aa 24 darbeettin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 359 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5726 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 359 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 96,942 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 953 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 54,405 yaalarratti argamu.

Namoonni 353 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 11 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,489 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.