Fana: At a Speed of Life!

Muummen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miidhaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun qaqqabaa jirutti gadduu ibsaniiru

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Muummen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miidhaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun qaqqabaa jirutti gadduu ibsaniiru.

 

Diinonni Ityoophiyaa”yookiin nuti bulchina yookaan ammoo biyyi hin jiraattu” jedhanii ka’aniiru kan jedhan Muummeen Ministiraa Dooktar, “badii kanaaf humna isaanii hunda fayyadaamaa jiru, kaayyoon isaanii jalqabaa hamilee ummataa cabsuudha”jedhaniiru.

 

Badii kanaafis, itti fayyadamaa kan jiran namoota bitaa fi mirga beekaan walitti qabuun leenjisuu fi hidhachiisuun naannoo garagaraatti miidhaa eenyumma irratti xiyyeeffate qaqqabsiisuu akka ta’e ibsaniiru.

 

Mootummaan bakkeewwan garagaraatti badiiwwan qaqqabu malu jedhu dursee odeeffannoo funaanuun tarkaanfii fudhachuun fashaleessaa akka ture eeraniiru.

 

Haata’utii hanqinootaa sirni darbe nu dhaalchise hunda yeroo gabaabaa keessatti duuchanii xumuruu akka hin danda’amne ibsaniiru.

 

Ummanni, paartileen siyaasaa, qaamoleen nageenyaa, hayyoonni fi kanneen biroos, mootummaan rakkinicha hundeen furuuf tarkaanfiiwwan fudhatu deeggaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.