Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiyyii fi Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan Zoonii Indaastirii Istarn daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Walitti qabaan Mana Maree Birmadummaa Sudaan Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan Zoonii Indaastirii Istarn daawwatan.
Dabalataan hooggantoonni kunneen giddugala qonnaa ammayyaa naannaawaa Bishooftuutti Jooy Tiik jedhamu daawwataniiru.
 
Giddugalli kun lafa muraasarratti oomisha Kuduraa fi muduraa bifa ammaayyaan oomishuun gabaa alaaf dhiyeessurratti argama.
 
Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan turtii daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti taasiisaniin Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota waloo fi naannichaarratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.