Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 106 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 106 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 669 hojjetameen vaayrasichi namoota 106 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,815 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 141darbeera.
Namoonni haaraan 97 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9935 dandamataniiru.

Namoonni 15 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5739 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 212767 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.