Fana: At a Speed of Life!

Haasaan preezdaanti Doonaald Tiraamp fi Baankiin Addunyaa Ijaarsa hidhaa haaromsaa fi marii waloo biyyoota sadeeniirratti dhiibbaa hin uumu – Dooktar Aragaawii Barihee

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – “Haasaan preezdaanti Doonaald Tiraamp fi Baankiin Addunyaa Ijaarsa hidhaa haaromsaa fi marii waloo biyyoota sadeeniirratti dhiibbaa hin uumu,” – Dooktar Aragaawii Barihee.

Haasaa gufachiisaa preezdaantiin Ameeriikaa Doonaald Tiraamp hidhaa guddicha haaromsa Itoophiyaa ilaalchisanii dubbatan ijaarsa hidhichaarrattis ta’e marii waloo biyyoota sadeeniirratti dhiibbaa akka hin uumne daayrektaarrri olaanaan qindeessaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidhaa guddicha haaromsa biyyattii Dooktar Aragaawii Barihee ibsaniiru.

Akka daayrekaaerri olaanaan kun jedhanitti mariin waloo biyyoota sadeenii fedhii fi deggersa gamtaa Afiriikaan adeemsifamaa waan jiruuf haasaan preezdaantichaa dhiibbaa tokkoyyuu hin uumu jedhaniiru.

Dhimmi hidhaa haaromsaa dhimma biyyoota qaamni ilaallatuu fi dhimma Afiriikaanotaa waan ta’eef furmaatnisaas.

Afiriikaanotan rakkoon Afiriikaa kamuu kan furamus kan murtaa’u dhiibbaa biyyoota alaan miti. Kanaafuu,haasaan preezdaantichaa yaada dhuunfaasaaniiti malee akka yaada furmaataatti kan ilaalamu miti jedhaniiru.

Dabalataan Dooktar Aragaawii Barihee akka jedhanitti, preezdaant Doonaald Tiraamp haasaa naamusa hin qabneen beekamu,amalumsaanii kana hidhaa haaromsa guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisee haasaa doorsisa qabuu fi waa’ee hin baafne dubbachuunsaanii taajjabbii keessa isaan galchuurra kan hafee dhiibbaan inni uumu hin jiru.

Dhumarratti mariin waloo biyyoota sadeenii haala barbaadameen deemaa waan jiruuf ummatni gufuu ijaarsa hidhichaa kamiifuu osoo harka hinkenning qindoominaan ijaarsasaa xumuree gara firiitti fiduu akka qabu dooktar Aragaawiin waamicha taasisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.