Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Taaylaandi baala sammuu namaa hadoochu daddabrsuun argamte too’annoo jala oolte

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Lammiin Taaylaandi baala sammuu namaa hadoochu daddabrsuun argamte too’annoo jala oolte.

Komishiniin Poolisii Federaalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa waliin ta’uun Lammiin Taaylaandi baala sammuu namaa hadoochu daddabrsuun argamte too’annoo jala oolche.

Komishiniin Poolisii Federaalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa waliin qindoomuun shakkamtuu kana hordoffii buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasiseen too’annoo jala oolchuu beksiseera.

Shakkamtuun kun Finfinnee irra gara Taaylaandi Baankook imaluurratti kan argamtu si’a ta’u, harkaa harkatti too’atamuu Daayreekatarri Itti aanaa Oopireeshiinii Komaandar Mangist’aab Bayyanaa ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.