Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti waliigaltee sadeenii gaggeessan guyyaa boruu akka eegalan ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti waliigaltee sadeenii gaggeessan guyyaa boruu akka eegalan Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa beeksisaniiru.

Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa haamdookii fi Preezdaanti Gibts Abdulfattaa Al Siisii waliin marii bal’aa taasisuu Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa ibsaniiru.

Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Preezdaanti Siiril Raamaafoosaa marichaan boodde waliigaltee hidha haaromsaarratti taasifamu guyyaa boruu akka eegalu ibsameera.

Preezdaanti Siiril Raamaafoosaa deeggarsa Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu waliigalteen sadeenii naga qabeessaa fi furmaata fiduuf gaggeessittootni biyyoota sadeenii kutannaa fi kaka’umsaa akka qaban ibsaniiru.

Marichi biyyoonni sadeen rakkoo Afrikaa, Afrikaanotaan furmaata fiduurratti amantummaa akka qaban kan mul’isudha jedhaniiru.

Biyyoonni sadeen dhimmoota teekniiikaa fi seeraa dabalatee dhimmoota hafana irratti waliigalteerra ni ga’u kan jedhu amantaa akka qaba ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.