Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Broodkaasting Koorporeet waggaa 25ffaasaa ilaalchisee marii paanaalii gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC)- Faanaa Broodkaasting Koorporeet waggaa 25ffaasaa ilaalchisee marii paanaalii gaggeessaa jira.

Faanaa Broodkaasting Koorporeettitti itti aanaa hoji gaggeessaa olaanaa damee opporeeshinii obbo Saxxanyii Ingidaa, paanaalichi dhaabbaticha caalumaatti dorgoomaa taasisuufi ergamasaa sirnaan akka ba’utuufi kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.

Marii paanaalichaan mata duree “Faanaa eessaa gara kam’ akkasumas “shooraa miidiyaa ijaarsa biyyaa, mootummaa’ jedhuun barreeffamni qorannaa lamaa dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Marichaan hanqina fi ciminaa midiyichaa gamaggamuun kallattiin gara fulaa duraa ni ka’aamaan eegama.

Paanaalicharratti hayyoonni, hoggantoonni paartiilee siyaasaa , hoogantonni dhaabbilee miidiyaa, bakka buutonni waldaa ogeeyyii dargaggootaa fi hirmaattoonni biroon argamaniiru.

koomiishinarri Koomiishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa fi walitti qaba boordii FBC obbo Nigusuu Xilaahuun, imala Faanaa waggaa 25 arguun ciminaa fi hanqina miidiyaa Ityoophiyaa waggaa 25 akka arguutti lakkaa’ama jedhaniiru.

Obbo Nigusuu Xilaahuun Faanaan wayita filannoon hin jirreetti filannoo ta’ee argamuu fi jallatamaa fi dorgomaa ta’uun waggoota 25f hojjetaa tureera jedhan.

Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachaw Dinquu, dhaabbitichi faayidaa biyyaa fi uumaataarratti caalmaatti hojjechuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Hoji gaggeessaa olaanaa Faanaa Broodkaasting Koorporeet obbo Adimaasuu Daamxaaw, Faanaan qormaatilee isaa muudatan gara carraatti jijjiiruun as ga’eera jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.