Fana: At a Speed of Life!

Madrakii fi Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa filannoo bara 2012f qophaa’aa jiraachuu beeksisan.

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Madrakii fi Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa filannoo bara 2012f qophaa’aa jiraachuu beeksisan.

Qindoominni paartilee afurii Madrak (Koongirasii Federaaliistii Oromoo, Aranaa Tigraay, Paartii Sooshaal Demokraasii fi Sochii Bilisummaa Sidaamaa) fi Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa filannoo waliigalaaf qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Heerri mootummaa FDRI waggaa shan shanitti filannoon waliigalaa akka gaggeeffamu kaa’a.

Dura taa’aan Madrak Proofeesar Mararaa Guddinaan akka Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himanitti, paartin isaanii filannoon baranaa yeroosaa eeggatee akka gaggeeffamu barbaada.

Kaadhimamtoota qopheessuu, biiroo banuu, kan duraa cimsuurratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoorratti teessoo mana maree qooddachuu yookin hoggantummaan injifachuuf akka dorgoman ibsaniiru.

Naannolee afuritti kaadhimamtoota dhiyeessuun dorgomuuf qophii ta’uus eeraniiru.

Dura taa’aan Sochii Biyyoolessaa Amaaraa Dooktar Dassaalany Caanneen gama isaanitiin paartin isaanii qophii filannoo duraa xumuraa jiraachuu eeru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.