Fana: At a Speed of Life!

Saatalaayitiin Ityoophiyaan Jimaata dhuftu gara hawaatti furgugsitu ragaalee funaanuun dhaabbileedhaf erguun gumaacha olaanaa kan qabaattu ta’uun ibsame

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Saatalaayitiin Ityoophiyaan Jimaata dhuftu gara hawaatti furgugsitu ragaalee funaanuun dhaabbileedhaf erguun gumaacha olaanaa kan qabaattu ta’uun ibsame.

Inistiitiyuutiin Spees Saayinsii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa akka beeksisetti, Ityoophiyaan saatalaayitiishee jalqabaa gara hawaatti erguuf qophii xumurteetti.

Saatalaayitittiinis Jimaata, Muddee 10,2012 gara hawaatti ni furgugfamti.

Hojichaaf mootummaa Chaayinaa waliin waliigalteen ega mallatteeffame, bara 2008 eegalee waggoota 4 fudhachuun eerameera.

Yuunvarsiitii Meetroopooliitaan Kootabeetti fiiziistii fi gargaaraan ogeessaa Inistiitiyuutii Spees Saayinsii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Geetinnat Fallaqaan, biyyoota guddinarra jiranitti saatalaayitiin kan hin yaadamne ta’us, faayidaa hedduu qabaachuusaa ibsu.

Saatalaayitiin gara hawaatti ergamtus daawwii lafaaf kan ooltu yookin ‘riimoot seensiing’ akka taate ibsu.

Teeknooloojiin saatalaayitii kanaa dameewwan biroottis cee’uu akka qabu ibsu.

Inistiitiyuutichatti daayreektarri misooma qorannaa fi oppireeshinii saatalaayitii Yiliqaal Chaalaw saatalaayiticha ogeeyyiin Ityoophiyaa fi Chaayinaa diizaayin gochuu himu.

Proojakticharratti Ityoophiyaanonni 20 kan hirmaatan yammuu ta’u, 5 dubartoota ta’uu himaniiru.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.