Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti nagaa buusuuf qooda isaanii kan ba’an ta’uu Paartiileen siyyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an ibsan

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti nagaa buusuuf qooda isaanii kan ba’an ta’uu Paartiileen siyyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an ibsan.

Waltajjiin waloo paartiilee siyyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’anii Finfinneetti gaggeeffamaa turee jira.

Mariin kun naannoolee lamaan keessatti madda rakkoo walitti bu’iinsaa ilaalchisee yaada furmaataa kaa’uufi jedhameera.

Akkasumas hariiroo ummattoota naannoolee lamaanii cimsuun walii galtee biyyaaleessaa uumuuf marii gaggeeffamaa ture ta’uus ibsameera.

Waltajjiin marii guyyaa lamaaf gaggeeffamaa tures ibsa ejjennoo waliinii baafachuun har’a xumurameera.

Paartiileen kunneen dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti nagaan akka bu’uu fi adeemsi baruu fi barsiisuu karaa nagaan akka itti fufuuf ga’ee isaanii kan ba’an ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan qaamoolee barattoota giddeetti walitti bu’iinsi akka uummamu godhan irratti tarkaanfii akka fudhatu ibsa isaaniin gaafataniiru.

Dabalataan dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti eeggumsi cimuu akka qabus hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.