Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin gadaa walitti dhufeenya biyyaaleessaa cimsuuf hojjechuu qabu

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Abbootiin gadaa aadaa muuxxannoo walitti bu’iinsa hiikuu qaban fayyadamuun hariiroo biyyaaleessummaa cimsuuf hojjechuu akka qaban gaafatamaniiru.

Waltajjiin marii araara nageenyaa magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera.

Miseensonni komishinii araara biyyaaleessaa abbootiin gadaa walitti dhufeenyaa biyyaaleessaa cimsuuf qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Abbootiin gadaa aadaa walitti bu’iinsa hiikuu addaa qabaachuu isaanii kan eerrame yoo ta’uu, aadaan kunis nageenyaa, tokkommaa, biyyaa fi ummataaf faayidaa guddaa akka qabu miseensonni komishinii araara biyyaaleessaa dubbataniiru.

Duudhaa abbootii gadaa kana guddisuun walitti dhufeenya biyyaaleessaaf oolchuuf kan hojjetan ta’uu miseensonni komishinichaa himaniiru.

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.