Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Deettaan Dhimma Alaa Tsiyoon Taklee Mootummaa Deenmaarkiitti Ergamaa Addaa Dhimma Baqattootaa waliin marii’atan

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Ministirri Deettaan Dhimma Alaa Tsiyoon Taklee Mootummaa Deenmaarkiitti Ergamaa Addaa Dhimma Baqattootaa waliin marii’atan.

Ministirri Deettaan Dhimma Alaa Tsiyoon Taklee Mootummaa Deenmaarkiitti Ergamaa Addaa Dhimma Baqattootaa Taang Farboor waliin marii’ataniiru.

Aadde Tsiyoon Ergamaa Addaa Dhimma Baqattootaa Taang Farboor marii taasisaniin dippilomaasii lammii Ityoophiyaarratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee biyyoota baha giddugaleessaa fi kanneen biroo jiraatan mootummoota biyyoota waliin ta’uun mirgi namoomaa akka kabajamuu fi lammiilee sababoota garagaraan gara biyyatti deebi’an deebisanii dhaabuurratti sochiin jiraachuu himaniiru.

Mootummaa Deenmaarkiitti Ergamaa Addaa Dhimma Baqattootaa Taang Farboor gama isaniin daddabarsa namoota seeraan alaa hundeen googsuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.