Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin misooma hammataa fi fulla’aa sona funcaalee saaqame

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) –Proojektiin misooma hammataa fi fulla’aa sona funcaalee har’a magaalaa Adaamaatti saaqame.
 
Proojektiin kun mootummaa Xaaliyaaniin kan deeggaramu yoo ta’u, naannolee Oromiyaa fi Kibbaatti hojiirra oola jedhame.
 
Proojektichi qonna ammayyeessuu fi misooma Agroo Indaastiriif kan oolu ta’uu himameera.
 
Sagantaa baniinsa proojektii kanaarratti kan argaman hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Oromiyaa fi Oromiyaatti hoogganaan proojektichaa obbo Dhaabaa Dabalee, proojektichi qonnaan bultoota oomisha isaaniitti sona dabaluun fayyadamaa akka ta’aniif gargaara jedhan.
 
Proojektiin kun naannoo Oromiyaatti Yuuroo miiliyoona 21’n hojiirra kan oolu ta’uus eerrameera.
 
Proojektichi qonnaan bulaan waldaan gurmaa’uun fayyadamaa akka ta’anii fi oomishni isaanii galtee Agroo Indaaastiriif akka oolu jabeessa jedhameera.
 
Proojektii kanaan giddu galaaleen qorannoo,waldaaleenii fi dhaabbileen Faayinaansii walitti hidhamiinsa akka hojjetan ni taasifama.
 
Dhugaasaa Fufaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.