Fana: At a Speed of Life!

Obbo Yaamii Kabbadaa boqotan

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Seenaa hooggansa Ispootii Ityoophiyaa keessatti qooda olaanaa ba’aa kan turan obbo Yaamii Kabbadaa boqatan.
 
Obbo Yaamiin dhibee isaan muudateen yaallamaa turuun umrii waggaa 66ffaa isaaniitti guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
 
Sirni awwaalcha isaanii guyyaa har’aa sa’aatii 7:00 – 8:00tti mana Amantaa qulqulluu Igzii’abeheera Aab Gullallee Addisuu gabaatti ni raawwatama.
 
Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa maatii fi firroottan isaa hundaaf jajjabina hawwuu isaa ragaan Federeeshinicharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.