Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti dareewwan barnoota dabalataa walitti hidhaman kumni 2 ol ijaarramuufi

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Finfinneetti bara barnoota 2013f dareewwan barnoota dabalataa walitti hidhaman kumni 2 fi 300 akka ijaarraman Biiroon Barnoota magaalaa Finfinnee beeksise.

Kallattii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Ministeerri Fayyaa ka’aniin vaayrasii koroonaa ittisuun barnoota eegaluuf murteessuu ni yaadatama.

Magaalaa Finfinneettis barnoota eegaluuf koreen hunda’uun qophiin barbaachisaa taasisa jiraachuu itti aanaan biiroo barnoota magaalaa Finfinnee obbo Addisuu Shaanqoo ibsaniiru.

Qophichaan hojiin daree barnootaa qulqulleessu raawwatama jira jedhaniiru.

Finfinneetti hanga ammaatti barattoonni kumni 400 ol barnoota eegaluuf galma’aniiru.

Maatiin barattootaas daa’imman isaanii galmeessuun gara mana barnootaatti akka ergan obbo Addisuun waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaatti lammiileen miiliyonni 30 ol barnootarra jiraatanis sababa weerara vaayrasii koroonatin baatiiwwan 7 manneen barnootaa cuufamaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.