Fana: At a Speed of Life!

Lammii Biritiish kan taate onneen ishee sa’aatii ja’aaf dhahannaa dhaabdee booda lubbuun itti deebi’utu dhaga’ame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Lammii Biritiish kan taate onneen ishee sa’aatii ja’aaf dhahannaa dhaabdee booda lubbuun itti deebi’utu dhaga’ame.

Ta’iin kun ‘haala duraan beeknurraa addaa’ jedhan doktoroonni.

Awudirey Iskooman ho’i qaama ishii ariitiin hir’achuun kan mudate abbaa warraashee wajjin osoo cabbii gaara daangaa Ispeenii fi Faraansaay gidduutti argamu irra deemtuu ture.

Ogeeyyiin fayyaas onneen ishee yeroo dheeraaf dhiiga rabsuu dadhabuun ibsan.

aadde Iskoomaan guutummaatti bayyanataa jiraatus, waqtii Birraa dhuftus deebi’een cabbii kanarra deema jetti.

Dubartiin ganna 34 Baarseloonaa jiraattuu kun suuta dubbii dadhabaa erga turte booda haala qilleensaa naannoo Pirinees jedhamu kana dandamachuu dadhabdee of wallaalte.

Haalli fayyaashis muddama keessa wayita seenu wal’aansa yeroo muddamaa abbaan warraashee wayita eegaa tures duuteetti se’ee ture.

Addee Iskoomaan ‘Catalan channel TV3’ jedhamutti akka himtetti, harganuu dadhabuu fi onneen ishees dhahachuu dadhabuun muddama keessa seente.

Lubbuu barartoonni sa’aatii lama booda wayita iddoo jiran qaqqabanitti ho’iinsi qaama ishii 18C tti gadi hir’ateera.

Akka Hospitaala Baarselonaa keessatti argamu qaqqabdeenis mallattoolee lubbuun keessa jiraachuu hin agarsiistu ture.

Haalli qilleensa qorraan naannoo gaara kanaa ture dhukkubbii Iskoomaaf sababa ta’ullee, lubbuun ishii akka ooluuf fayyadeera jedhan Dooktar Iduwaard Argudoo namni jedhaman.

Ogeessi kun akka jedhutti ho’i qaama ishee hir’achuun wayita of wallaalte sana qaamnii fi sammuun ishee akka rakkoo caalu keessa hin seenne fayyaduu himan.

Aadde Iskoomaan guyyoota 12 booda hospitaalaa baate. Ogeessi fayyaa narviin ishiis miidhamuu danda’aa jedhanii yaadda’aa akka turan himaniiru.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.