Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qaamolee badii raawwatan hojiin seeraatti dhiyeessuu itti fufa – Dr.Geediyoon

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qaamolee badii raawwatan hojiin seeraatti dhiyeessuu kan itti fufa ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise.
 
Dhaabbilee haqaa fooyyessuu fi seeraa kabachiisuuf hojiileen eegalaman xiyyeeffannoon kan itti fufan ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiyoos turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaaniin himaniiru.
 
Sosochiin olaantummaa seeraa kabachiisuuf eegalaman jajjabeessaa ta’uu Dooktar Geediyoon ibsaniiru.
 
Qaamolee yeroo darbe seera cabsan irratti galmeewwan himannaa hedduun banamuu eeraniiru.
 
Qaamolee badii raawwatan seeratti dhiyeessuuf dhaabbileen haqaa yeroo ammaa sosochii gaarii hojjechaa jiraachuu Abbaan alangichaa ibsaniiru.
 
Kun ammoo murannoo mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf qabu kan agarsiisuudha jedhan.
 
Yeroo itti aanus hojiin eegalame dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu eeraniiru.
 
Awwal Abarraatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.