Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 7tti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina saba Oromoo aanaa Daawwaa Caffaatti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 7tti tilmaamamu too’atamuu ibsameera.
 
Meeshaaleen kunneen eeruu ummataan too’annoo jala ooluu Komishniin Gumrukaa Dameen KombolchAa beeksiseera.
 
Konkolaataan fe’umsaa guddaan meeshaalee Kontiroobaandii kanneen magaalaa Dasee gara Finfinnee fe’ee imalaa ture aanaa Daawwaa Caffaa ganda Garbiitti too’atamuu ibsameera.
 
Meeshaaleen kunneenis uffatalee boondaan hidhamanii jiran ta’uu himameera.
 
Konkolaachisaanis too’annoo jala oolee dhimmi isaa seeeraan qoratamaa jiraachuu ibsameera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.