Fana: At a Speed of Life!

Hidhaan Haaromsaa shoora tokkummaa ummataa fi ijaarsa diinagdeef qabu guddisuuf nan hojjedha – Dooktar Aragaawii Bariheen

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Hidhaan Haaromsaa shoora tokkummaa ummataa fi ijaarsa diinagdeef qabu guddisuuf kan hojjetan ta’uu daayreektarri olaanaan qindeessaa hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa Dooktar Aragaawii Bariheen ibsan.
 
Daayreektara olaanaa qindeessaa hirmaannaa Ummataa Mana Maree Biyyaalessaa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa ta’uun kan muudaman Dooktar Aragaawii Bariheen hidhaan haaromsaa guddina diinagdee fi tokkummaa ummataa cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
 
Keessattuu lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan misooma biyya isaaniif gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsuun, deeggarsi hundagaleessa ta’e akka itti fufu gaafataniiru.
 
Hojiin humna ala jiru qindeessurratti hojjetame quubsaa hin turre jedhan.
 
Yeroo itti aanu toora xiyyeeffannoo ta’uu akka qabu kaasaniiru.
 
Garaagamummaa siyaasaa cinaatti dhiisuun lammiileen biyya keessaa fi alaa misooma biyyaalessaa irratti tokkummaan hirmaachuu qaba jedhan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.