Fana: At a Speed of Life!

Duulli hoomaa awwannisaarratti keemikaala biifuu cimee itti fufu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Duulli hoomaa awwannisaarratti keemikaala biifuu cimee itti fufu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Jilli hoogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu hoomaa awwannisa gammoojii godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatitti muul’aterratti duula biifaa keemikaalaa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Hoomaan awwaannisa gammoojjii kun oomisharra miidhaa akka hin qaqqabsiifnee fi iddoole birootti akka hin babal’anne diroonii fi “motors spray” fayyadamuun keemikaalli biifamaa jiraachuu himameera.

Hoomaa awwaannisaa godina Shawaa Bahaa fi Harargee lamaan keessatti muul’ate too’achuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Weerarri hoomaa awwaannisa gammoojii kun akka hin babal’anne qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qaban obbo Dhaabaan dhaamaniiru.

Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni maasii isaanii yeroo yeroon sakkata’uun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa taasisuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Hawaasnii fi caasaaleen sadarkaan jiru tumsa barbaachisu taasisuu qabu jechuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaarra Oromiyarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.