Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatuun meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu isaanii Abbaan Alangaa ragaalee sadi dhageessise

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Obbo Lidatuu Ayyaalew yakka meeshaa waraanaa seeraana alaa qabatanii argamuun himatamaniin Abbaan Alangaa ragaalee sadi dhageessisse.
 
Abbaan Alangaa har’a waaree booda Mana Murtii Olaanaa Adaamaatti jecha ragaalee sadii dhageessiseera.
 
Manni mutichaas ragaalee dhaggeeffate qoratee murtee laachuuf beellama jijjiirraa Onkololeessaa 9, 2013 tti laatera.
 
Obbo Lidatuun mirgi wabii Birrii kuma dhibba 1 eeggameefi tureen sababa maaliif ba’uu akka dhorkaman gaafataniiru.
 
Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa Bishooftuu dhiyaatanii ibsa akka itti laatan ajejni darbe ilaallameera.
 
Itti gaafatamaan waajjira Poolisii magaalaa Bishooftuu jijjiirrameera waan jedhameef bakka bu’aan beellama itti aanutti dhiyaachuun ibsa akka laatu ajajenyi darbeera.
 
Obbo Lidatuun yakka meeshaa waraanaa seeraan alaa qabanii argamuun himatanis birrii kuma dhibba 1 qabsiisuun mirga wabiin ba’uu eeyyamameef hojiirra akka oolu Manni murtichaa Komishinii Poolisii Oromiyaa ajajeera.
 
Gama biroon obbo Lidatuun heera mootummaa seeraan ala diiguuf sanada mootummaa ce’umsaa qopheessaan jechuun himata irratti banameef guyyaa booruu dhaddacharratti dhiyaachuun ni dubbifamaaf.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.