Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Sudaan miiliyoona 9 ol ta’aanif deeggarsi ni barbaachisa jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Lammiilee Sudaan miiliyoona 9 ol ta’aanif deeggarsi akka barbaachiisu Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa beeksise.

Deeggarsichiis lammiilee balaa lolaatin miidhamaniif akka barbaachisu ibsameera.

Akka ibsa dhaabbatichatti balaan lolaa lafaa qonnaa heektara miiliyoonaatti lakka’amurra ga’eera.

Kanafis biyyattin miidhaan toonii miiliyoonaatti tilmaamu dhabuushee ibseera.

Sudaaniitti roobni baatii Adooleessaa keessa roobee waggoottan 10 keessaatti rooba muul’aterra hedduu hammaataadha jedhameera.

Dabalataniis lammiileen biyyaatti bishaan faalameen dhibeef saaxilamuu ni danda’uu.

Yeroo ammaa kanas biyyattitti dhibeen busaa haalaan dabalaa jiraachuu beekameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.