Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa 13ffaan kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa 13ffaan kabajame

Alaabaan meeshaa tokkummaa, jaalalaa fi walitti dhufeenya hawaasaa cimsan keessaa isa tokko ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.

Preezdaanti Saahilawarqi sirna kabaja guyyaa Alaabaa biyyaalessaa 13ffaarratti argamuun erga dabarsaniiru.

Hawaasa tokko gidduutti dhimmoota jaalalaa fi tokkummaa uumaan keessaa Alaabaan isa tokko ta’uu dubbataniiru.

Alaabaa Ityoophiyaa amma jiru kana tursiisuuf dhiignii fi lafeen hedduun caccabeera jedhan.
Alaabaan keenyaa tokkummaa fi eenyummaa keenya.

Guyyaan alaabaa kabajamuun seenaarra barachuuf, warren seenaa hin beekne barsiisuu kan kaayyeffameedha jedhan.

Garaagarummaan jiraatuus obbolamummaa keenya balleessuu hin danda’u
Alaabaan mallattoo biyyaa fi tokkummaa ta’uu eeraniiru.

Alaabaan kan boonnu dhaloota barmadummaa Ityoophiyaa of wareegu, yaada isaa bilisaan ibsachuu hin sodaanne, jibbaaf iddoo kan hin laanne, Ityoophiyaa dabarsee diinaaf kan hin laannee yoo uumuu dandeenyadha jedhan.

Dhaloota jaalala, tokkummaa, birmadummaa fi eenyummaa isaan boonu ijaaruuf har’aa eegallee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoos gama isaaniin guyyaa Alaabaa kana yemmuu kabajnyu gaaffii ummaataa kallattii hedduun ka’e ummata waliin ta’uun deebiisuuf falaasama ida’amuun deeggaramne qormaata nu quunnaman ce’uun wayita boqonnaa itti aanutti seenaa jirruudha jedhan.

Qaamni hundi yaada qabu gara ummataatti akka dhiyeeffatu dirreen siyaasaa bal’aan uumameera jedhan.

Garaagarummaa malee alaabaa keenya ol kaasuuf carraan uumamuu ibsaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa cimee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.