Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan birrii haaraa erga jalqabamee kaasee, Birriin biiliyoona 46 ol gara baankii daldala Ityoophiyaa fi baankota kan birootti raabsame

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Jijjiirraan birrii haaraa erga jalqabamee kaasee, Birriin biiliyoona 46 ol gara baankii daldala Ityoophiyaa fi baankota kan birootti raabsame.

Baankiin daldala Ityoophiyaa baankii biyyoolessaa bakka bu’uun, birrii haaraa baankota dhuunfatti raabsaa akka jiru Preezdaantii fi hojii raawwachiisaa olaanaan baankii daldala Ityoophiyaa obbo Abbee Saanoo beeksisan.

Jijjiirraan birrii haaraa erga jalqabamee kaasee, Birriin biiliyoona 46 ol gara baankotaatti kan raabsame yoo ta’u, as keessaa birriin biiliyoona 28, gara dameelee baankii daldala Itiyoophiyaatti raabsameera jedhan.

Kanaan wal qabatee Birrii moofaan biiliyoonni 22 gara giddu galeessaatti galii ta’uu dubbatan.

Birrii kuma 5 fi isaa ol qabatanii gara dameelee CBE tti kan dhufan, qajeelfama baankiin biyyoolessaa baase bu’uura godhachuun, maamiloonni haaraan kuma 63 ta’an, lakkoofsa herregaa kan banatan yoo ta’u, Birriin biiliyoona 6.4 immoo kan qusatame ta’uu himan.

Yeroo ammaa ‘ATM’ baankii daldala Ityoophiyaa kuma 3,700 ta’an, birrii haaraa akka kaffalan taasifameera.

Maamiloonni Birrii kuma 100 ol jijjiiran, guyyaan xumuraa Onkoloolessa 6 waan ta’eef, Dilbatas dabalatee kan hojjachaa jiran, gara dameelee CBE deemuun, yeroo jedhame keessatti dafanii jijjiirrachuu akka qaban, obbo Abbeen hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.